Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti Proojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 945 hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’an

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Godina Jimmaatti Proojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 45 oliin hojjetaman tajaajilaaf banaa ta’uu bulchiinsi godinichaa beeksiise.

Godichatti proojektoonni misoomaa 123 ta’an aanaalee 20 keesstti baasii Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 45 hojjetamaa turan xummuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu itti aanaa bulchaan Godina Jimmaa obbo Tsaggaayee Ummataa ibsaniiru.

Ijaarsaa proojektoota kanneeniif baajata mootummaa Birrii miiliyoona dhibba 9 fi miiliyoona 45n dabalataan, Birriin miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyyoonni 45 maallaqaan, akkasumas meeshaaleen birrii miiliyoona dhibba 5 fi 93tti tilmaamaman ummatarraa deeggarsaan argamuu himaniiru.

Proojektoonni kunneenis jiraattoota godinichaa miiliyoona 2.6 ol fayyadamoo kan taasiisan ta’uu ibsaniiru.

Tamasgeen Allebbaachotu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.