Fana: At a Speed of Life!

Godina Koonsoo aanaa Naannawaa Kaaraatiitti hojiin Albuuda Warqee baasuu eegalame

Finfinnee, Eebila 12, 2014 (FBC) – Godina Koonsoo aanaa Naannawaa Kaaraat ganda Leehaayiteetti hojiin Albuuda Warqee baasuu guyyaa har’aa eegalameera.
Hojiin Albuuda Warqee baasuu kun bakka itti aanaan Bulchaa fi itti gaafatamaan Qajeelcha Daldalaa fi Misooma Gabaa godinichaa obbo Galgaloo Galshoon argamanitti eegalamuu ibsameera.
Dargaggoonni hojii dhabeeyyiin 100 gurmaa’uun eeyyama argatan hojii Albuuda Warqee baasuu kana eegaluu isaanii eerameera.
Hojiin kun bakka qorannoon kuufamni Albuuda Warqee ni agrama jedhamee adda ba’e Lafa hektaara 8 irratti eegalamuus himameera.
Hojiin Albuuda baasuu eegalame kun diinagdee naannichaa fi biyyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Koonsoorraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.