Fana: At a Speed of Life!

Godina Qellam Wallagga aanaa Daallee sadiitti proojektiin Jallisii Laga Maddalee eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Jilli hogganaa kilaasteraa Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Qellam Wallagga aanaa Daallee Sadiitti Proojektii jallisii Laga Maddalee eebbisiise.
Proojektichi Birrii miiyiloona 6n hojetamuu ibsameera.
Proojektii jallisii kun lafa hektara 66 misoomsuu kan danda’u yoo ta’uu qonnan bultoonni aanicha 361 fayyadamoo taasiisa jedhameera.
Sirna eebbicharratti Dooktar Girmaa Amantee dabalatee Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatti walitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota hariiroo alaa fi nageenyaa Dooktar Nagarii Leencoo fi Hogganaan Biiroo Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Hambaamuu Ittifaa argamaniiru.
Jillichi godina Qellam Wallaggaa aanaa Daallee Saditti biqiltuuu Bunaa dhaabeera.
aanichatti biqiltuu Bunaa miiliyoona 22 dhaabuuf hojiin dhabbii biqila bunaa eegalamuu himameera.
Akka godinichaatti ammoo biqiltuu Bunaa miiliyoona dhibbi 1 fi miiliyoona 50 dhaabuuf karorfame hojjetamaa jiraachuu Itti gaafataman Waajjira Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Godina Qellam Wallaggaa obbo Olbiraat Hundeessaa himaniiru.
Godinichatti bara kana lafti hektaarakum 17 ol biqiltuu Bunaan uwwisuuf hojii hojjetameen hanga ammaatti Biqiltuuwaan Bunaa , miiliyoonni 17 dhaabbachuu ibsaniiru.
Gammachuu Beekumatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.