Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Bahaatti manni harka qalleeyyiif ijaarame dabarfame

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdatti kenna Tajaajila Lammummaa Gannaan hojiileen Birrii miiliyoona 100 ol baasan raawwataman.

Manneen harka qalleeyyii ijaaraman 76 dabarfamuu fi Dabtarri Darzanni Kumni 30 ol Barattoota harka qalleeyyiif raabsamuu eerameera.

Akkasumas Re’oonnii fi hoolonni dubartoota Harka qalleeyyii kennamuu ibsameera.

Ganna kana qofa tajaajilli lammummaa Birrii miiliyoona 100 ol baasan raawwatamuu Bulchaan Aanaa Dugdaa Obboo Misbaahuu Musxafaan himaniiru.

Deeggarsichi dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa irraa kan walitti qabame Itti Aanaa Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obboo Guutaa Gadaan eeraniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.