Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti ijaarsi Hidha Wayboo fi Proojektii Jallisii eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaa Godina Walaayittaatti ijaarsi Hidha Wayiboo fi Proojektiin Jallisii eegalameera.
Proojektiin kun baasii Birrii biiliyoona 2.4n gaggeeffama jedhameera.
Itti aanaan Preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Iristuu Yirdaaw fi Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan Godina Walaayittaatti argamuun Ijaarsa Hidhaa Wayiboo fi Proojektii Jallisi kana eegalchiisaniiru.
Ijaarsi Hidhaa Wayiboo fi Proojektiin Jallisii Godina Walaayittaa aanaalee Booloosoo Sooree fi Booloosoo Boombeetti Birrii biiliyoona 2.4 ijaarramu kun gandoota 13 keessatti jiraattoota kuma 13 ol fayyadamoo taasiisa jedhame.
Lafa hektaara kuma 3 fi 400 misoomsuu akka danda’u ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame ni agasriisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.