Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee Walaayittaa, Geedee’oofi Goofaatti adeemsi kenniinsa  sagalee Uummataa nagaan xumurame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC) – Murtoo Uummataa naannoo Uummattoota Kibbaatti gaggeeffameen godinaalee Walaayittaa, Geedee’oofi Goofaatti adeemsi kenniinsa  sagalee Uummataa nagaan xumuramuu ibsameera.

Godina Walaayittaatti ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee kenniinsi sagalee uummataa gaggeeffamaa ture nagaan xumuramuun buufataaleen filannoo hojii ittaanuuf qophii ta’uu eerameera.

Godinichatti buufataalee sagaleen itti kennamu kuma 1fi 112 keessatti adeemsi kenniinsa sagalee nagaan xumuramuu Ittaanaan hogganaa Waajjira Qindeessa Murtoo Uummataa godinichaa obbo Mulugeetaa Shaankaa ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun godina Geedee’oottis kenniinsi sagalee uummataa nagaan xumuramuu Bulchaan godinichaa obbo Abiyoot Damisee eeraniiru.

Godina Goofaattis adeemsi kenniinsa sagalee uummataa nagaan xumuramuu Gorsaan Addaa Godinichaafi Itti Waamamaan Murtoo Uummataa godinichaa obbo Birhaanuu Dachaasaan ibsaniiru.

Maatuusaalaa Maatewoos, Ibraahim Baadiifi Xilaahuun Huseentu gabaase.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.