Fana: At a Speed of Life!

Goondar Jiddugaleessaatti guddattoota lama ugguruun maallaqa kan gaafate adabame

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Goondar Jiddugaleessaa aanaa Xagadeetti guddattoota lama ugguruun maallaqa kan gaafate adabame.
 
Namichi daa’ima waggaa 7 fi guddataa waggaa 17 ugguree maallaqa gaafate hidhaa cimaa waggaa 25tin adabameera.
 
Obbo Agaree Yehwaalaashat Qaammee 4,2011 guddataa umrii waggaa 17 Huunaachaw Maasrashaa ugguruun Birrii kuma 30 gaafate, Birrii kuma 20 fudhateera.
 
Daa’ima waggaa 7 Malkaamuu Xaamyaalaw Muddee 7,2012 ganda Adeetii ugguree Birrii kuma 75 gaafatee, Birrii kuma 15 fudhateera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.