Fana: At a Speed of Life!

Gosti vaayrasii koroonaa haaraan gara biyyaa akka hin seenne to’annaan taasifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Gosti vaayrasii koroonaa haaraan gara biyyaa akka hin seenne to’annaan taasifamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsa miidiyaaleef laataniin tattamsa’ina vaayrasii koroonaa to’achuu dadhabuun gosootni vaayrasichaa haaraan uumamuuf sababa ta’uu kaasaniiru.

Kun ammoo hojii vaayrasicha saffisaan to’achuuf hojjetamutti qormaata ta’uu kaasaniiru.

Biyyoonni addunyaa hedduun weerara vaayrasii koroonaa 4ffaan haleelamuu fi gosti vaayrasichaa haaraan uumamuu ibsaniiru.

Tatamsa’ina vaayrasii kanaa to’achuuf talaallii fudhachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Duula talaallii torban lamaan darbanitti laatameen dooziin talaallichaa miiliyoona 4 fi kuma dhibba 2 ol kennamuu addeessaniiru.

Tatamsa’ina vaayrasii kanaa to’achuun akka danda’amutti hawaasni talaallii akka fudhatu dhaamaniiru.

Gosa vaayrasii koroonaa Amiikroon jedhamu ittisuuf hojiin to’annoo seensawwanii fi Daandii Xiyyaara Ityoophiyaarratti cimee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti lubbuun namoota kuma 6 fi dhibba 7 fi 55 vaayrasii kanaan darbuu ibsameera.

Hayimaanot Iyyaasuu fi Kadir Mahaammadtu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.