Fana: At a Speed of Life!

Weerara Dhibeewwan akka biyyaatti muudatan too’achuuf Sirna Fayyaa Cimaa Ijaaruun barbaachisaadha – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Ebla 22, 2016 (FBC) – Weerara Dhibeewwan akka biyyaatti muudatan too’achuuf sirna Fayyaa cimaa Ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan .
Waltajjiin balaawwan fayyaa tasaa mudatan ittisuu fi deebii kennuurratti xiyyeeffatee Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeffamaa jira.
Waltajjichi mata duree “Sirna Fayyaa Hawaasaa cimaa ta’e ijaarsa sirna Fayyaa deebii Hatattamaa balaa tasaaf”jedhuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Ministeerri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan, waggoottan darban tatamsa’inni weerara dhibeewwan daddarboo fi daaddarboo hin taane dhiibbaa diinagdee biyyaa ta’uu ibsaniiru.
Rakkoo kana furuuf sirna fayyaa cimaa ijaaruun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mohaammad gamasaaniin, hawaasa fayya qabeessa horachuun qindoomina qaamolee hundaa gaafata jedhan.
Sochii hanga ammaatiin dhibee busaa ittisuuf bara kana Saaphana miiliyoona 19.6 raabsuun danda’amuun ibsameera.
Nageessoo Kadiritu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.