Fana: At a Speed of Life!

Guutinsi Bishaanii HGHI marsaa 3ffaan milkiin xumurame

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Guutinsi Bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa marsaa 3ffaan milkiin xumurameera.
Waqtiin Gannaa seenuu hordofee guutiinsi bishaanii marsaa 3ffaan gaggeeffamaa ture milkiin xumurameera.
Yeroo ammaa Bishaan fiixee hidhichaarraan dhangala’uu eegaleera.
Marsaa 1ffaa fi 2ffaan waggoottaan lamaan darban raawwatamuun kan yaadatamuudha.
Tarbaayinni 2ffaa guyyaa kaleessaa anniisaa maddisiisuu eegaleera.
Hojiileen Ijaarsa siiviilii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa % 95 ga’eera.
Hojiin Warshaa Makaanika Elektirooniksii fi hojiin dhaabbii % 61, akkasumas hojiin sibiiloota bishaan dabarsanii % 73 irra qaqqabuu ibsameera.
Yeroo ammaa raawwiin waliigalaa piroojektichaa %83.3 ga’uu eerameera.
Hidhaan Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa olka’iinsa meetira 155, dheerina Kiiloo Meetiraa 1.8 kan qabuudha.
Kana malees, yabbinni hidhicha gara jalaatti meetira 130 yoo ta’u, gararraan isaa meetiraa 11 fi wayita xumuramu lafti bishaan irra ciisuu kiiloo meetira 246 dheerata.
Akkasumas lafa iskuweer kiiloo meetira kuma 1 fi 875 irra kan ciisuudha.
Hidhichi bishaan kiyuubik meetirii biiliyoona 74 qabata.
Yuunitootaa anniisaa maddisiisan 13 kan qabuu fi tokkoon tokkoo yuunitootaa anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisuu danda’u jedhame.
Guutummaatti wayita xumuramu anniisa meegaa waatii kuma 2 biyyoota ollaaf gurguruun waggaatti galii Doolaaraa miiliyoona 580 argamsiisa jedhamee tilmaamama.
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.