Fana: At a Speed of Life!

Guutuu naannoo Oromiyaatti guyyaan harka dhiqannaa labsame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Guutuu naannoo Oromiyaatti guyyaan harka dhiqannaa labsame.

Akka mootummaa naannoo Oromiyaatti koreen ‘taask foorsii’ sadarkaa hundatti hundaa’ee hojjechaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Korichi odeeffannoon waqtaawaa, of eeggannoon dhibee koroonaa irratti fuulleffate sirnaan hawaasa bira akka ga’u ni hojjeta jedhameera.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa guutuu naannoo Oromiyaatti guyyaan harka dhiqannaan labsameera.

Kanaafuu, koreen ‘taasks foorsii sadarkaan jiru odeeffannoo hawaasan qaqqabsiisuun, dhiyeessii barbaachisarratti deeggarsa akka taasisu, namni hundinuu bakka jirutti harka isaa dhiqachuudhan fayyaa isaa akka eeggatu dhaamameera.

Naannoo Oromiyaatti hojiin odeeffannoo vaayrasii koroonaa hawaasan ga’uu fi barnootni of eeggannoo hojjetamaa jiraachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksise.

Seektaroota fayyaa fi miidiyaaleetti fayyadamaa jiraachuus ibseera.

Tooftaawwan of eeggannoo, odeeffannoo tatamsa’ina vaayirasii koronaa, to’annaarratti mootummaan hawaasan walquba qabaachuun hojjechaa jira jedheera biirichi.

Namni kamuu harka isaa saamunaa fi wantoota naannawaa isaatti argamanitti fayyadamee akka dhiqatu dhaamera.

Manneen hojii mootummaa, dhaabbileen dhuunfaa, giddu-galeessotni daldalaa fi warshaaleen, akkasumas, bakkeewwan walitti qabama hawaasaa hundatti iddoon tajaajila harka dhiqannaa akka qophaa’u gochuun barbaachisaadha jedheera

Hawaasnis sadarkaa maatii fi dhuunfaatti harka isaa dhiqachuudhan fayyaa isaa akka eeggatu dhaamameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.