Fana: At a Speed of Life!

Guyyaa boruu irraa eegalee tajaajilli CBE Birrii buufataalee Boba’aa guutuu biyyattiitti hojiirra ni oola – Baankii Daldalaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Eebla 30 , 2015(FBC)- Guyyaa boru irraa eegalee buufataalee boba’aa biyyattii hunda keessatti tajaajilli CBE-Birr hojiirra kan oolu ta’uu Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa beeksise.

Daayrektarri Koorporeet Kominikeeshinii baankichaa Alsaan Asaffaan, baankichi tajaajila ammayyaa, itti fayyadamuuf salphaafi si’ataa ta’e CBE-Birr guyyaa boruu Caamsaa 1, 2015 irraa eegalee buufataalee boba’aa biyyattii hundatti kan eegalchiisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajilichi magaalaa Finfinneetti Eebla 16, 2015 irraa eegaluufi bu’aa gaariin argamuu kaasaniiru.

Maamiltoonni hedduunis bilbila harkaasaanii fayyadamuun gama kaffaltii elektirooniksii CBE-Birr bittaafi gurgurtaa boba’aa raawwachuu ibsaniiru.

Muuxannoo magaalaa Finfinneetti argame bu’uureffachuun bittaafi gurgurtaa boba’aa gama elektirooniksiin sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa boruu eegaluuf baankichi qophii xumuruu eeraniiru.

Mamiltoonni boba’aa waraabbachuuf appilikeeshinii CBE-Birr bilbilasaaniirratti fe’uun *847# irratti bilbiluun tajaajilichatti fayyadamuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.