Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan karaa nagaan xummurame – Komishinii Poolisii Finfinnee

Finfinnee, Gurraadhala 23, 2013 (FBC) – Guyyaan Injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan karaa nagaan xummuramuu Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 125ffaan magaalaa Finfinnee Addabaabayii Masqalaa fi Addabaabayii Minilik 2ffaatti kabajameera.
Kabaja ayyaanichaa Addabaabayii Minilik 2ffaatti gaggeeffameerratti Preezdaatiin FDRI Saahilawarq Zawdee, itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebaa, Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw, Preezdaantiin Waldaa gootota Ityoophiyaa Lij Daani’eel Jootee, dabalatee gootoonnii fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniirru.
Addabaayi Masqalaattis bakka Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hoggantoonni olaanoon Federaalaa,geggeessitoonni olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaa, Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, ministiroonni, diippiloomaatotaa fi jiraattoon
ni Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee hedduun Fardeen isaanii qabachuun argamanitti kabajameera.
Ayyaanoota amantaa fi biyyaaleessaa bara kana kabajaman karaa nagaan akka kabajaman hirmaannaa hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa taasiisan Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee galateeffateera.
Deeggarsi akka kanaa cimee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.