Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Qabeenya Kalaqa Sammuu Idil Addunyaa yeroo 22ffaaf kabajame

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)- Guyyaan Qabeenya Kalaqa Sammuu Idil Addunyaa yeroo 22ffaaf Golambaa Saayinsiitti kabajameera.

Guyyichis mata duree “Misooma Waaraa Qabeenya Sammuun Kalaqaa fi Innooveeshiniin Egeree Keenyaa Haa Ijaarru” jedhuun kabajameera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Qabeenya Kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa Walduu Yimasil akka jedhanitti guyyichi wayita kabajamu, bu’aaleen kalaqaa akka kabajamaniif hunduu hojii hundaa hirmaachise hojjechuu akka barbaachisu itti amanameeti jedhan.

Kana eegsisuufis seerota sirreessuun barbaachisaa ta’uu ibsanii mootummaanis xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Abbaan taayitichaa qabeenyi kalaqaa eegumsaa seeraa akka qabaatan haalaa mijataa uumuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Yishruu Yohaannis, mootummaan “Start Up”f xiyyeeffannaa kennuun, xiyyeeffannaa qabeenya sammuuf kenne kan argisiisuudha jedhan.

Kunis galmoota misoomaa 17’n, Ajandaa Misoomaa Waaraa bara 2030, nageenya fi badhaadhina ummataa keessatti ifatti kan hammatame ta’uu ibsaniiru.

Fatiyaa Abdaallaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.