Fana: At a Speed of Life!

“Guyyaan tokkummaa” Qaammeen 5 biyyattiittii fi Embaasiiwwan hundaatti kabajama-Korecha

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – “Guyyaan tokkumaa” Qaammeen 5, guutummaa biyyattii fi bakka Embaasiiwwan Ityoophiyaa argaman hundaatti akka kabajamu Koreen Qophii Sagantichaa beeksise.

Walitti Qabaan Korechaa fi Daayrektarri Olaanaa Quunnamtii Ummataa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanee, guyyichi wayita kabajamu diinota alaa fi keessaatti tokkummaa baratame argisiisuun ta’a jedhan.

Guyyichi nama dhuunfaarraa eegalee hanga dhaabbileetti akka kabajamu ibsanii, abdii haaraan kan kaanuu fi mallattoo tokkummaa kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa itti kabajnu ta’a jedhan.

Jeneraalli Paabilik Dippilomaasii Mootummaa Ambaasaadar Diinaa Mufti gama isaaniin, guyyicha Ityoophiyaan alatti Embaasiiwwanii fi waajjiraalee qoonsilaa Ityoophiyaa 52’tti akka kabajamu ibsan.

Guyyichattis sagantaaleen tokkummaa biyyalessaa mul’isan akka gaggeeffaman ragaan Ministeeraa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Guyyicha sa’aatii 5:00 irratti sagantaan mata duree ”Ani tokkummaa biyya koof” jedhuun qophaa’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.