Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan tuurizimii Asoosaatti kabajamaa ture xumurame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2015(FBC)- Mata duree “Yaadama Haaraa Tuuriizimiif” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti kan kabajama ture guyyaan tuuriizimii xumurameera.

Ministirri Ministeeraa Tuuriizimii Ambaasaddar Naasisee Caalii akka ibsanitti, guyyaan tuuriizimii biyyattiitti kabajama jiru dhaloonni ofii fi biyya isaa addunyaaf akka beeksisu carraa uumeera.

Sosochii tuuriizimii biyya keessaa eegalame, maqaa biyyaa ijaaruun muuxannoo bakkeewwan hawwata tuuriizimii ityoophiyaa daawwachuu babal’isuun damecharraa fayyadamaa akka ta’uuf kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.

Bara dhufus, guyyaa tuuriizimii addunyaa qopheessuuf Naannoon Kibba Lixa Ityoophiyaa kan filatame yoo ta’u, naannichi haaraa kan hundeeffame ta’uun walqabatee, bakkeewwan hawwata tuuriizimii naannichatti argaman sirnoonni beeksisan kan gaggeeffaman ta’uu eeraniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan gama isaaniin guyyichi nagaan xumuramuuf kan gumaachaan ummataa naannichaa galateeffataniiru.

Bakkeewwan hawaataa tuuriizimii heddumminaan naannichaatti argaman, keessumaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa fuulduratti bakka filmaata tuuristootaa akka ta’u amantaa qaban ibsaniiru.

Mootumman naannichaas bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi misooma magaalaarratti bal’inaan akka hojjetu Obbo Ashaadiliin himaniiru.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.