Fana: At a Speed of Life!

Haadholiin harma hoosisaan nama daa’ima qabuuf qabatanii gara Yuunivarsiitii qormaata fudhachuuf itti ramadaman akka seenan eeyyamame

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan Yuunivarsiitiwwan itti ramadaman seenaa jiraachuu ibsameera.

Haadholiin daa’ima hoosisan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan nama daa’ima qabuuf tokko fudhatanii iddoo qormaataaf itti ramadatan akka seenaan eeyamamuu Tajaajilli Qormaatilee fi madaallii barnootaa beeksiiseera.

Tajaajilichi hadholiin da’umsa ga’anii fi harma hoosisan qormaata bara dhufu laatamu yoo fudhatan gaarii ta’uu eeruun, qormaaticha bara kana fudhachuuf yoo murteessan garuu nama daa’ima qabuuf tokko fudhatanii akka seenaan eeyyamamuu mirkaneesseera.

Tajaajilichi mirgi fi dirqamni qoratamtootaa fi wantoonni dhorkaman ishee qoramtuu fi kan daa’ima eegdurrattis hojiirra kan oolu ta’uu hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.