Fana: At a Speed of Life!

Haalli Idil Addunyaa dhiibbaa Ityoophiyaarratti qaqqabsiisuu danda’u ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2015 (FBC) – Haalli Waqtaawaa naannawaa fi Idil Addunyaa dhiibbaa Ityoophiyaarratti qaqqabsiisuu danda’u ilaalchisee mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Haala Waqtaawaa dhimmoota siyaasaa fi nageenyaa naannawaa fi Idil Addunyaa qorannoo fi qo’annoon hubachuuf yaalii taasiifamu tumsuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Koollejjii Waraanaa Raayyaa Ittisaa Birgaadeer Jeneraal Bultee Taaddasaan ibsaniiru.

Nageenya biyyaa waaraan eeguuf Itti gaafatamummaa dhaabbatummaa ba’uuf marii qophaa’e ta’uu kaasaniiru.

Maricharratti Imaammannii fi Tarsiimoon Ijibtii fi Naayil, Sodaalee fi qormaatileen ololli Siyaasa Gaanfa Afrikaa, walitti Bu’iinsi Yuukreenii fi Raashiyaa dhiibbaa Ityoophiyaarratti fiduu danda’an ilaalchisee barreeffamni qorannoo 3 dhiyaachuu ibsameera.

Marii Koollejjiin Waraanaa Raayyaa Ittisaan Qophaa’e kanarratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Qondaaltoonni Waraanaa, Dippiloomaatoonni, Ogeeyyiin nageenyaa fi Tikaa, akkasumas keessummoonni waamichi taasiifameef argamuu ibsameera..

Laayikun Alemtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.