Fana: At a Speed of Life!

Haleellaa humni nageenyaa waloon fudhatuun injifannoon argamaa jira – Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Haleellaa humni nageenyaa waloon fudhatuun gareeN shororkeessaa ABUT barabdaa’aa fi injifatamaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.
Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa dhimmoota haala waqtaawarratti ibsa laateera.
Haleellaa humnoonni nageenya qindoominaan fudhataniin gareen shororkeessaa ABUT barbadaa’aa fi injifatamaa jiraachuu Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggaasaa Tulluu ibsaniiru
Garichi guyyoota darban humna qabu qindeessuun aanaalee Warrabaabboo, Tahuulaandaree fi Cifiraatti weerara banuun haleellaa raawwachuu kaasaniiru.
Tarkaanfii deebii humnoonni nageenyaa waloon fudhataniin miseensonni garichaa hedduun du’uu fi madaa’uu kaasaniiru.
Humni Qilleensaa tarkaanfii fudhachaa jiruun meeshaalee waraanaa gareen Shororkeessaa ABUT itti fayyadamu barbadeessuu ibsaniiru.
Gochaan badii garichaa ammas kan itti fufe ta’uu ibsuun, ummanni Ityoophiyaan yeroo kamiiyyuu caalaa tokkummaan qolachuu akka qaban hubachiinsaniiru.
Qaamni duuluu danda’u hundi duulaaf of qopheessuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.