Fana: At a Speed of Life!

Haleellaan hammaatus Ameerikaan lammiileeshee Afgaanistaanii baasuu kan itti fuftu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Haleellaan boombii loltoota Ameerikaa 13 dabalatee namoota 90 galaafatus, Ameerikaan lammiilee ishee baasuu kan itti fuftu ta’uu Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ibsan.
“Ergama kana xumuruudhuma qabna, ni xumurras ‘ jedhan.
Kanneen yakka kana raawwatan adamsinee gatiisaanii ni kenninaaf jechuun dhaadataniiru.
Hanga ammaatti namoonni kuma dhibba caalan Afgaanistaan keessaa baafamaniiru.
Guyyaa kaleessaa naannawa buufata xiyyaaraatti iddoo seensa Abbey jedhamu bakka hojjettoonni Ameerikaa fi Biriiteen qubatanii kanneen Afgaanistaan keessaa ba’aniif haala mijeessanitti haleellaan boombii raawwateera.
Yeroo muraasa booda ammoo hoteela qondaaltonni Biriiteen keessa qubatanii lammiilee Afgaanistaan gara biyyasaanii imaluuf jiraniif haala mijeessaa turanitti raawwatame.
Qondaaltonni Ameerikaa fi Biriiteen gareen ISIS bakka bu’ee bakkichatti argamu, ISIS-K jedhamu ammallee yakka badanii balleessuu raawwachuu mala sodaa jedhuun hawaasa akeekkachiisaniiru.
Gareen kun haleellaa sana raawwachuu amaneera.
Haleellaan kun karoora mootummaan Joo Baayidan lammiileesaanii baasuuf yeroo xumuraa Hagayya 31’tti qabatan kan qoruudha jedhame.
Yeroo ammaa loltoonni Ameerikaa kuma 5 fi 800 ta’anii fi loltoonni UK kuma 1 ta’an buufata xiyyaaraa Kaabul qubaatanii jiru.
Hanga ammaatti lammiileen kuma dhibba1 fi kuma 4 Afgaanistaan keessaa baafamaniiru.
Kanneen keessaa kumni 66 lammiilee Ameerikaa yoo ta’an, kumni 37 ammoo lammiilee biyyoota biro Ameerikaa waliin michummaa qabaniidha jedhame.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.