Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti dhaabbileen Faayinaansii 80 ta’an miseensa Fandii Inshuraansii maallaqa Kuufamaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Waltajjiin hubannoo uumuu Fandii Inshuraansii maallaqa Kuufamaa Itiyoophiyaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaatti damee Faayinaansii tasgabbaa’aa ta’e uumuuf Fandii Inshuraansii Maallaqa Kuufamaa cimsuun murteessaa ta’uu Itti Aanaa Bulchaan Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaa fi Walitti Qabaan Boordii Fandii Inshuraansii Maallaqa Kuufamaa Itiyoophiyaa Salamoon Dastaan ibsaniiru.
Kanaafis Fandiin Inshuraansii maallaqa Kuufamaa Itiyoophiyaa Mana Maree Ministirootaan ragga’uun gara hojiitti galamuu himaniiru.
Kunis akka Addunyaatti Fandii Inshuraansii maallaqa Kuufamaa148ffaa ta’uu danda’eera jedhan.
Fandichi erga hundaa’ee waggaa 1 keessatti hojiilee hedduu hojjechuu Hojii Raawwachiisaan Fandii Inshuraansii Maallaqa Kuufamaa Itiyoophiyaa Dooktar Dassaalenyi Ambaaw ibsaniiru.
Hanga ammaattis Baankiiwwan dhuunfaa fi mootummaa 31 fi dhaabbileen Maayikroo Faayinaansii 49 miseensa ta’uu dubbataniiru.
Waltajjiin kunis uwwisa seeraa, kaayyoo, hojiirra oolmaa, fi hojiilee hanga ammaatti hojjetaman gamaaggamuuf ta’uu himaniiru.
Saamu’eel Warqayoo fi Salamoon Yittaayewutu gabaase
.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.