Fana: At a Speed of Life!

Hanqina dhiyeessii Bishaan dhugaatii Hararii fi Dirree Dawaa furuuf hojjetamuu qaba – Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Hanqina dhiyeessii Bishaan dhugaatii Hararii fi Dirree Dawaa furuuf hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaan ibsaniiru.
Iddoolee bishaan itti argamu adda baasuun boolla qotuu, naannolee ollaa fi bulchiinsa magaalotaa waliin hojii qindoomina qabu hojjechuun rakkichaaf furmaata laachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Hoggantoonni Ministeera Bishaanii fi Inarjii hoggantoota tajaajila bishaan dhugaatii magaalaa Dirree Dawaa waliin haala hanqina dhiyeessii jiru furuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Hoggantoonni kunneen hojiilee tajaajila bishaan dhugaatiirratti hojjetamaa jiru naanna’uun daawwachuun hanqinoota jiranirratti mari’ataniiru jedhame.
Hanqina Bishaan dhugaatii muudate furuuf karoora yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa baaffachuun gara hojiitti galuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Injiinar Haabtaamuun dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.