Fana: At a Speed of Life!

Hanqina dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee tajaajila yaalaa naannoo Tigraay furuuf hojjetamuu qaba – Boordii Sakattoo Labsii yeroo ariifachiisaa

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) – Hanqina dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee tajaajila yaalaa naannoo Tigraay furuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu deeggarsa taasiisuu akka qaban Boordii Sakattoo raawwii Labsii yeroo ariifachiisaa ibse.

Boordiin sakattoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa naannoo Tigraay daawwannaa yeroo 2ffaaf taasiisee ilaalchisee qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.

Boordiin sakattoo kun Ministeera Fayyaa fi koree dhaabbii Ministeera Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggotaa waliin wayita duula olaantummaa seeraa kabachisuu deeggarsa namoomaa dhaabbileen fayyaa taasiisanirratti mari’ataniiru.

Boordichi daawwannaa marsaa 2ffaan Hospitaaloota shire indasillaasee, Maqalee, Adigraat, Allaamaaxaa, Qoobboo, Waldiyaa, Marsaani fi  Dasee daawwachuu eereera.

Hospitaaloota kanneenitti hanqinni dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee tajaajila yaalaa jiraachuu ibseera.

Ministeerri Fayyaa hanqinicha furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin deeggarsa taasiisuu akka qabu hubachiiseera.

Hanqinaalee Hospitaaloota kanneen keessatti muul’atan furuuf dhiyeessiwaan barbaachisan ga’aa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Gabaasni dhiyaate irra deebiin sirreeffamuu akka qabu ibsaniiru.

Boordichi haala qabatamaa Hospitaaloota kanneen keessa jiru bifa gaariin ilaaluu walitti qabduun Koree dhaabbii Dhimma Dubartootaa, Dargaggootaa fi hawaasummaa aadde Abaaba Yooseef  himaniiru.

Ministeerri Fayyaa hanqinaalee turan ariitiin furuuf tattaaffiin taasiise gaarii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.