Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ummattootaa cimsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiru – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 20, 2013 (FBC) – Hariiroo Ummattootaa cimsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan dubbatan.
Naannoo Oromiyaatti walitti dhufeenya ummattootaa cimsuuf Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dabalataan Afaanoota Ityoophiyaa 3 barnoonni akka laatamu taasiisuun aadaa walii akka baraniif karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuu, ijaarsa dandeettii dhaabbilee waloon cimsuuf naannolee ollaa waliin tumsaan hojjechuun eegalameera jedhan.
Akkasumas Miidiyaan naannichaa Afaanoota garaagaraan hojjechuu eegaluun hariiroo ummattootaa cimsuuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
‘Ollummaa gaarii Badhaadhina Ityoophiyaaf’ mata duree jedhuun waltajjiin marii naannolee ollaa Kaabaa fi Lixa Ityoophiyaa waliin gaggeeffamaa jiraachuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.