Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon hoggantoota gidduu jiru gaarii yoo ta’e, haalli ummata keessa jirus gaarii ta’a – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Hariiroon hoggantoota gidduu jiru gaarii yoo ta’e, haalli ummata keessa jirus gaarii ta’a jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti raawwii boqonnaa qophii baatiwwan sadan darbanii fi kallattii xiyyeeffannoo yeroo itti aanuurratti hoggantoota hanga aanaatti jiran waliin mari’atameera.

Hunda caalaa bifa gurmaa’ee fi waldubbisuun hogganuun hojiileen hojjetaman bu’aa qabeessa akka ta’an yeroo muuxxannoo itti arganne jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen maricharratti argamuun haasawa cufiinsaa taasiisaniin.

Hariiroon hoggantoota gidduu jiru gaarii yoo ta’e, haalli ummata keessa jirus gaarii ta’a jedhan.

Hojiileen tola ooltummaa waqtii gannaa keessa hojjetame hawaasa harka qalleeyyii fayyadamoo taasiisuu ibsaniiru.

Hojiin Daangaa Finfinnee fi GAONF murteessuun walqabatee hojjetame hariiroo ummataa waaraan cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Hojiileen hojjetaman nageenya waaraa mirkaneessuuf faayidaa qabaachuus kaasuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.