Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon Ityoophiyaafi Kooriyaa cimee itti fufa- Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Bitootessa 11, 2015(FBC)- Ityoophiyaafi Kooriyaan hariiroo isaanii cimsanii kan itti fufan ta’uu Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsaniiru.

Dhaabbanni hubannoo sammuu( Mindset) irratti leenjii kennuufi Kooriyaatti argamu “Aay Waay Eef” miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhimmoota garaagaraarratti leenjii kennuu ibsameera.

Obbo Taaggasaan haasawaa xumura leenjii miseensota mana marichaaf kennamaa turerratti taasisaniin, Ityoophiyaafi Kooriyaan dameewwan fayyaa, qonnaa, diinagdeefi kanneen biroorratti tumsaan hojjechaa turuu eeraniiru.

Leenjii dhaabbatichi jijjiirama ilaalchaarratti kennu yaada ni danda’ama jedhu horachuuf ni gargaara jedhaniiru.

Leenjiin kennames jireenya dhuunfaa, naannoofi biyya jijjiiruuf gahee olaanaa qabaachuu kaasuun, yeroo ittaanutti biyyoonni lameen damicharratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Hundeessaan dhaabbatichaa Dooktar Paark gamasaaniin, leenjicha babal’isuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Manni marichaa leenjichaaf xiyyeeffannoo kennuun hariiroo biyyoota lameenii cimsuuf gaheesaa akka ba’atu gaafachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.