Fana: At a Speed of Life!

Haroo Calalaqaa badiirraa baraaruuf Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa waliin hojjetamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Haroo Calalaqaa badiirraa baraaruuf Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa waliin hojjetamaa jira.
 
Haroon Calalaqaa haroowwan magaalaan Bishooftuu qabdu 7 keessaa isa tokkodha.
 
Akka Waajjira Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Bishooftuutti haroon kun yeroodhaa gara yerootti balaaf saaxilamaa dhufuun yeroo ammaa sadarkaa yaaddoo guddaarra gahaa jira.
 
Haricha badiirraa baraaruuf Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa waliin tumsaan hojjetamaa jira.
 
Yuunvarsiitichi haricha badiirraa baraaruuf prooppoozaala qopheesse bakka itti gaafatamtoonni magaalichaa jiranitti dhiyeessera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.