Fana: At a Speed of Life!

Harri Carcar, kunuunsa taasifamuun guutummatti deebi’ee hawwata turizimii akka ta’u abdii guutuun qaba – Pir.Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 21, 2016 (FBC) – Harri Carcar, kunuunsa taasifamuun guutummatti deebi’ee hawwata turizimii akka ta’u abdii guutuun qaba jedhan Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin Uumaan kennaa ishee nubadhaastetti. Kennaan garuu eegumsa keenyaan utubama. Ammoo hanqina kunuunsaa irraa kan ka’e, kennaa hedduun manca’eera. Wanti gaariin, guutumaatti osoo hin barbadaa’iin dammaquu keenya jedhan.

Waggoota muraasa darban, gama eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa, akkasumas sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin badii keenya sirreessuutti jirra. Bu’aas argachaa jirra. Fakkeenyaaf, Hara Maayaa hordofuun, Harri Carcari, bara dheeraa booda lubbuu horataa jira. Harri Carcar iddoowwan Ikoo-Turizimii bara kana daanga’anii labsaman keessaa tokko waan ta’eef, kunuunsa taasifamuun guutummatti deebi’ee, madaallii uumamaa eegaa hawwata turizimii akka ta’u abdii guutuun qaba jedhaniiru Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.