Fana: At a Speed of Life!

Hashiishiin kuntaalli 46 naannoo Amaaraa godina Goondar Lixaatti qabame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Hashiishiin kuntaalli 46 naannoo Amaaraa godina Goondar Lixaatti qabame.
Baalli sammuu namaa adoochu kun ka’umsasaa Shaashamannee kan taasifate yoo ta’u, aanaa Armaacahoo ganda Xarafwaraqii gara Humaraa darbuuf yoo yaalu keellaan itti cufamnaan gara Matammaa yoo qajeelu qabameera.
Hashiishichi boqqoolloo kuntaala 20 fi furushkaa kuntaala 18 waliin dhokfameeti kan qabame.
Qajeelchi Poolisii Godina Goondar Lixaa imalaa tokko dabalatee, konkolaachisaa fi gargaaraan konkolaachisaa to’atamuu beeksiseera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.