Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Idil addunyaa deeggarsa haqa qabeessaa fi madaallawaa taasisuu qaba- Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Haala Ityoophiyaa ilaalchisee dhugaa jiru sirriitti hubachuun hawaasni idil addunyaa deeggarsa haqa qabeessaa fi madaallawaa taasisuu akka qabu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa fi Ministira Raayyaa Ittisaa Ayerlaand Simoon Kooviin waliin Niwu Yoorkitti mari’ataniiru.
Badii gareen shororkeessaa ABUT kaaba Ityoophiyaatti raawwate hordofee tarkaanfii mootummaan fudhateen walqabatee himanni yeroo yerootti ka’u dhugaa Ityoophiyaa hubachuu dhabuurraa kan maddu ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
Mootummaan Ayerlaand haala yeroo Ityoophiyaatiif xiyyeeffannaa kennuu isaatiif dinqisiifachuun, haala Ityoophiyaa sirriitti hubachuun hawaasni idil addunyaa deeggarsa haqa qabeessaa fi madaallawaa ta’e taasisuu akka qabu ragaan Waajjira Itti Aanaa Muummee Ministiraarra argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.