Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni odeeffannoowwan sobaa tamsa’aan irraa of eegannoo taasisuu qaba-Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa

Finfinnee, Adooleessa 30, 2013 (FBC)- Hawaasni odeeffannoowwan sobaa tamsa’aan irraa of eegannoo taasisuu qaba jechuun Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Daayreektarri Qunnamtii Ummataa Raayyaa Ittisaa Kolooneel Geetinnat Adaaneen ibsa laataanin, Ityoophiyaa oolchuuf duulli taasifamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo sobaa garee shorkoosseessa ABUT tamsaasuun hawaasni jeeqamuu akka hin qabne himaniiru.

Humnoonni garichaa Mujjaa fi Dilbaa seeneerratti hojiin ittisaa raawwatamaa jiraachuu ibsameera.

Hawaasnis qaamolee seeraa mootummaarra odeeffannoo mirkanaa’ee hordofuu qaba jedhameera.

Garichi reeffaa lagaa Takkazee keessaatti gatee Mootummaarratti odeeffaannoo sobaan dhiibbaa uumuu yaalusaa himameera.

Waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti kan argamuu raayyaa ittisa biyyaa ergamaa murteessaarratti akka argamu kaasaniiru.

Gareen Shororkeessicha adda lixaarran karaa Affaariin meeshaalee fi namoomaan kisaaraa olaanaa qaqqabsiisaa akka jiru ibsameera.

Uummanni Ityoophiyaa oolchuuf odeeffannoowwan sobaa tamsa’aan irraa of eegannoo taasisuu akka qabu ibsameera.

Haayleyasuus Mokkoonnintu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.