Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannaa akka taasisu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Hawaasni vaayrasii koroonaa ittisuuf of eeggannaa akka taasisu Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa beeksise.

Vaayrasii koroonaa ittisuuf hawaasni biyyattii of eeggannoo akka taasisu yaa’ichi waamicha dhiyeessera.

Abbootiin amantaa yaa’icha keessatti hirmaatan ummanni qulqullina dhuunfaa, naannoo fi maatii akka eeggatu dhaamaniiru.

Qaamoleen hundis vaayrasicha ittisuuf ga’eesaanii akka ba’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Abbootiin amantaa Daandii Qilleensa Ityoophiyaatti argamuudhan sochii vaayrasicha ittisuuf hojjetamaa jiru daawwataniiru.

Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.