Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaa fi Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan kan itti fufan ta’uu Abbootiin qabeenyaa magaalichaa ibsan

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Hidha Haaromsaa fi Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan kan itti fufan ta’uu Abbootiin qabeenyaa magaalaa Finfinnee himan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee abbootii qabeenya magaalichaa waliin haala waaktawaa biyyaarratti Hoteela Shaaratanitti marii taasisaa jira jedhame.
Raayyaa Ittisaa Biyyaatti Qindeessaa Olaanaan Hojiilee Ijaarsa Humna Waraanaa Leetanaan Jeneraal Baacaa Dabalee fi Itti aantuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee maricharratti argamniiru.
Raayyaan Ittisaa naannoo Tigraay gadhiisee ba’uun murtoo siyaasaaa ta’uu aadde Adaanachi ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni qonna gannaa tasgabbiin akka gaggeessanii fi bu’uuraaleen misoomaa tajaajila ala ta’an deebisanii ijaaruuf tarkaanfichi fudhatame ta’uu himaniiru.
Leetanaan Jeneraal Baacaan gama isaaniin, Raayyaan Ittisaa Biyyaa naannichaa gadhiisee akka ba’u kan yaadame yeroo Sibhaat Naggaa qabamee ture ta’us bulchiinsa yeroo naannichaa deeggaruuf akka turu taasiifamuu ibsaniiru.
Gareen shororkeessa ‘ABUT’ uummataa kallattii afuriin Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin wal waraansiisaa turee eeraniiru.
Tarkaanfiin fudhatames Uummanni naannoo Tigraay yeroo qalbeeffannaa akka argatu carraa kan uumu ta’uu kaasaniiru.
Yeroo amma kanas Raayyaan Ittisaan tasriimoof naannichaa ba’uus naannicha marsee of eeggannoon jiraachuu himaniiru.
Yeroo barbaachisaa ta’eettti Maqaalee seenuus ba’uus ni danda’a jedhan.
Akka EBCn gabaaseetti abbootiin qabeenyaa Magaalaa Finfinnee marii kanarratti himaatan deeggarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi Hidha Haaromsaa guddichaaf taasiisan kan itti fufan ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.