Fana: At a Speed of Life!

Hidha Haaromsaa ilaalchisee hayyoota Yuunvarsiitiif ibsi taasiifame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaan haala waqtaawaa Hidha Haaromsaa ilaalchisee hayyoota Yuunvarsiitii kuma 5 ol ta’anif ibsi taasiisaniiru.
Dooktar Injiinar Silashiin waltajjii Intarneetiin Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii fi Ministeera Dhimma Alaa waliin ta’uun qopheessanirratti hayyoota Yuunvarsiitii biyya keessaa Alaa 50 ol ta’an keessaa walitti baba’an kuma 5 oliif ibsa taasiisaniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnoonii fi Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoon waltajjii kanarratti hirmaachuun haasawa taasiisaniiru.
Qormaataalee guddina Ityoophiyaa, haala waqtaawaa Hidhaa Haaromsaa fi marii sadee ilaalchisee Dooktar Injiinar Silashiin ibsa taasiisuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.