Fana: At a Speed of Life!

Hidhaan Haaromsaa biyyoota yaa’ichaaf faayidaa qaba – Ministeera Alaa Sudaan Kibbaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC) – Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Mahiddii Itti aanaa Ministira Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa idila addunya Sudaan Kibbaa Diing Daaw waliin dhimmoota waloorratti mari’atan.
 
Ambaasaaddar Nabiil dhimma marii Sadee Hidha Haaromsaa, haala waqtaawaa naannoo Tigraay, fi sagantaa Ashaaraa magariisaa ilaalchisee Itti Aanaa Ministirichaaf ibsa taasiisaniiru.
 
Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Ityoophiyaan barattoota Sudaan Kibbaaf carraa barnootaa bilisaa ogummaa garaagaraan laachaa jirtu kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.
Diing Daaw gama isaaniin carraan barnootaa Ityoophiyaan barattoota Sudaan Kibbaaf laattu hanqina humna nama baratee biyyattii furuuf shoora olaanaa qabaachuu isaa ibsuun galateeffachuu ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
 
Ijaarsi Hidha Haaromsaa wayita xumurame biyyoota naannichaaf faayidaa kan qabu ta’uu eeruun, guutinsi Bishaanii marsaa 2ffaan milkiin xumuramuu gammachuun itti dhaga’amuu ibsaniiru.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.