Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Ityoophiyaanotaaf Ibsaadhas Irbaatas-TKM

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Hidhi Haaromsaa Ityoophiyaanotaaf Ibsaas Irbaatas ta’uuTajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi tarbaayinni 2ffaan Hidha Haaromsaa Guddichi anniisaa maddisuusuu yaadachiisuun gammachuu guddaa ta’uu ibseera.

Dandeettii anniisaa maddisiisuu baatiiwwan dura eegale guddisuun ijaarsa hidhichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu kaaseera.

Faayidaa gama maraa hidhicharraa argamu dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa ta’uu eere.

Hidhichi Afrikaa keessaa piroojektii guddaa uummanni Ityoophiyaa deeggarsa biyyoota alaa malee  ijaaraa jiran ta’uu ibseera.

Piroojektii danda’uu keenya mul’isu, fedhii misoomuu keenya agarsiisuufi gamtaan milkaa’uu keenya argisiisudha jedheera.

Uummanni biyyattii guyyaa ijaarsi isaa eegalerraa kaasee deeggarsa addaan hin cinne taasisaa jiraachuu ibseera.

Mootummaanis hawaasa qindeessuun, ogeeyyii bobbaasuuniifi sirna hordoffiifi deeggarsaa diriirsuun adeemsa ijaarsa hidhicha %88 olirran gahuu eereera.

Gama dippiloomaasiis biyyoota yaa’aa gadii waliin mari’achuuniifi hojii amansiisuu hojjechuun ijaarsi hidhichaa itti fufsiifamuu ibsameera.

Ogeeyyiin hojii ijaarsaa hojjetan sa’atii 24 gaheee isaanii ba’achaa jiraachuufi seenaa keessatti beekkamtii guddaa kan kennamu; kabaja biyyaalessaa ta’uu addeesseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaafi qaamoleen nageenyaa federaalaafi naannolee biroonis naannawaa hidhichaa dammaqinaan eeguun shora olaanaa ba’achaa jiraachuu ibseera.

Haala qilleensaa naannichaaf osoo hin jilbeenfatiin halkaniifi guyyaa waardiyyummaa biyya isaaniif dhaabbachaa waan jiraniif kabajni ni malaaf jedheera.

Gama dippiloomaasii diijitaalaas ijoolleen biyyattii biyya keessaa fi alaa pirooppogaandaa sobaa hidhicharratti oofaman qolachuuniifi ifa baasuun dhugaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuun ga’ee ba’achaa jiraachuu kaaseera.

Tarbaayiniin hidhichaa 2ffaan anniisaa maddisiisuu eegaluurra kan gahe, Ityoophiyaanonni tokkummaan damee mararratti gahee isaanii ba’achaa waan jiraniif ta’uu eereera.

Hanga ijaarsi hidhichaa xumuramuttis hirmaannaan gama maraa kun akka itti fufu yaadachiiseera.

Ijoolleen Ityoophiyaa tokkummaan waltumsuun ijaarsa hidhichaa xumuruun Afrikaaf fakkeenya ta’uusaanii gochaan akka agarsiisan milka’inni hanga ammaa agarsiistuu guddaa ta’uu addeesseera.

Afrikaan dandeettiisheen misoomuu akka dandeessi piroojektii agarsiise ta’uus ibsameera.

Ityoophiyaan qabeenya uumamaashee fayyadamtee anniisaa elektirikaa wayita maddisiistu lammiilee miiliyoonotaaf gala ta’uurra darbee Afrikaanota biroof kaka’umsa  misoomaa kan uumu ta’uu addeessameera.

Dabalataanis haadholiifi shamarran dugdi isaanii qoraan baachuun goopheef ibsaafi irbaata kan ta’u ta’uu kaaseera.

Hidhichi hojii gamtoomeefi kutannoo ijoollee biyyattiin kan xumuramnu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.