Fana: At a Speed of Life!

Hiikkaa heeraarratti yaadni ogeeyyii dhaggeeffatame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Daangaawwan kaa’amanii fi dhoorkiiwwan sochii filannootif mijatoo waan hin turreef filannoon haqamuu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa aadde Birtukaan Miidhagsaan beeksisan.
 
Hiikkaa heeraarratti Yaa’iin Qulqulleessituu Heera Mootummaa FDRI waltajjiin yaada ogeeyyii dhaggeeffachuuf qopheesse gaggeeffameera.
 
Yaa’ichi yaada ogeeyyii Ministeera Fayyaa fi Boordii Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa dhaggeeffateera.
 
Maricharrattis walitti qabduu yaa’ichaa fi preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa aadde Ma’aazaa Ashannaafii dabalatee hirmaattonni biroon bakka argamanitti, barbaachisummaa labsii yeroo ariifachiisaa, hojiin weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuu maal akka fakkaatu, akkasumas dhimmoota walfakkaatoorratti gaaffileen mariidhaf dhiyaataniiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa fi daayreektarri olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Ebbaa Abaataan dhimmoota ka’anirratti deebii fi ibsa laataniiru.
 
Sadarkaa addunyaatti namoonni miiliyoonni 5 vaayrasichaan qabamuu, namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 29 ammoo lubbuu isaanii dhabuu ibsaniiru.
 
Kaleessa qofa namoonni kumni 106 vaayrasichaan qabamuu ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan tamsa’inni vaayrasichaa ariitiin babal’achaa jiraachuu ibsan.
 
Talaallii fi dawaan vaayrasichaaf argamuu dhabuun ammoo qormaata biroo ta’uu eeran.
 
Ityoophiyaattis wiirtuuwwan qorannaa laabraatoorii 26 qaqqabuu fi amma ammaatti namoonni 65,760 qoratamuu ibsaniiru.
 
Daangaawwan kaa’amanii fi dhoorkiiwwan sochii filannootif mijatoo waan hin turreef filannoon haqamuu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa aadde Birtukaan Miidhagsaan beeksisan.
 
Aadde Birtukaan waltajjii Yaa’iin Qulqulleessituu Heera Mootummaa hiikkaa heeraarratti qopheesserratti argamuudhan ibsa laataniiru.
 
Sababii weerara vaayrasii koroonaatin daangaawwanii fi dhoorkiiwwan kaa’amaniin, sochii filannoo taasisuun mijataa miti jedhan.
 
Boordichi filannoo biyyoolessaa gaggeessuuf Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 12 oltu isa barbaachisas jedhan.
 
Kun ammoo baasii boordichaa Birrii biiliyoona 8 oliin ga’a jedhan.
 
Sababii weeraraichaatin sochii filannoo taasisuun ulfaataa waan ta’eef, murticha Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif dhiyeessinee murtoo irratti laachisneerras jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.