Fana: At a Speed of Life!

Himatamaan gama miidiyaa hawaasummaa oduu sobaan maqaa namootaa xureessuun himatame adabame

Finfinnee, Caamsaa 1, 2014 (FBC) – Himatamaan miidiyaa hawaasummaarratti suuraa namootaa maxxansuun oduu sobaan maqaa gaarii namootaa xureessuunii fi arrabsuun himatame hidhaan adabamuu ibsame.

Manni Murtii olaanaa Federaalaa himatamaan Abiyoot Ayyalaa Bazzaabih jedhamu labsii yakka kompiitaraa dhorkuuf ba’e cabsee argamuu isaatiin murtii adabbii hidhaa  irratti dabarsuu ibsameera.

Himatamichi fuula feesbuukii “Abyot Ayele” jedhamuun bara 2012 fi 2013tti maqaa gaarii hoggantoota 5 xureessuuf suuraa isaanii fi jechoota arrabsoo maxansuun tamsaasuu fi bilisummaa fi kabaja hoggantoota kanneenii irratti yakka raawwateen galmee lama jalatti himannaan saddet irratti banamee turuu ragaan Poolisii magaalaa Dirree Dawaarraa argame ni mul’isa.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha Eebila 28,2014 ooleen himannaawwan banamaniin himatamtichi yakkamaa ta’ee argamuusaatiin adabbii waggaa 1 fi baatii 5 akka adabamu manni murtichaa murteesseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.