Fana: At a Speed of Life!

Himatamtoonni lubbuun lammiilee nagaa 76 haala suukanneessaan akka darbu taasiisaan hidhaa cimaa hanga umriin guutuun adabaman

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) –Naannoo Beenishaanguul Gumuz godina Matakkal aanaalee Maandhuraa, Daanguurii fi Paawwiitti himatamtoonni lubbuun lammiilee nagaa 76 haala suukanneessaan akka darbu taasiisaan hidhaa cimaa hanga umrii guutuun adabamaniiru.

Himatamtoonni kunneen walitti bu’iinsi eenyummaarratti xiyyeeffate akka uumamu taasiisuun lubbuun lammiilee nagaa 76 haala suukanneessaan akka darbuu fi qabeenyi hedduun akka barbadaa’uu taasiisuu isaaniin murtiin adabbii cimaa umrii guutuu hanga waggaa 8 itti murtaa’uu ibsameera.

Himatamtoonni galmee obbo Faanchaa Amsaayyaa jalatti himataman seera yakkaa FDRI  keeyyata 240  jalatti tarreeffaman darbuun qaama tokko isa biroorratti kakaasuun waraanni wal waliinii akka uumamuu taasiisan jechuun yakkaan himatamaniiru.

Haaluma kanaan himatamtoonni lubbuun lammiilee nagaa haala sukkaneessaan akka darbuu fi namoota 20 irra miidhaan qaamaa cimaan akka ga’u, lammiileen kumaatamaan lakkaawwaman ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirraa akka buqqa’an sababa ta’uu isaaniin abbaan alangaa  yakka cimaan himateera.

Himatamtoota 29 keessaa 3 irratti ragaan dhiyaachuu dhabuu isaan bilisaan gaggeeffamaniiru.

Himatamtoota 26 irratti ammoo murteen balleesummaa darbeera jedhame.

Dhaddachi jijjirramaan Godina Matakkal oolmaa isaa har’aan namoota 4 umrii guutuun, 1 adabbii cimaa waggaa 25, himatamaa 1  adabbii cimaa waggaa 23 fi himatamtoota 17 waggaa 22 adabeera.

Kanneen hafanis akkaatuma yakka raawwatan jedhameen waggaa 20 hanga waggaa 8 itti murteessuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.