Fana: At a Speed of Life!

Hiriira Amboorratti namoonni 29 yoo miidhaman, shakkamtoonni 6 to’ataman

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Hiriira deeggarsaa Amboorratti boombii darbatameen namoota 29rra miidhaa salphaa fi cimaan qaqqabeera.

Koomiishinarri Koomiishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaan ibsa laataniin akka beeksisanitti, hiriira deeggarsaa magaalaa Ambootti kaleessa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadiif gaggeeffamerratti boombii darbatameen namoota 29rra miidhaan qaqqabeera.

Miidhamtoota keessaa 28 deeggarsa yaalaa argatanii gara manaa yoo deebi’an, miidhamaan hafemmoo Hoospitaala Ambootti yaalamaa jira jedhan.

Miidhaa qaqqabe waliin walqabatee shakkamtoonni 6 qabamuu ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatun ajjeechaa fi miidhaa magaalaa Burraayyuutti raawwatamee tureen shakkamtoonni 17 to’atamuun ni yaadatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.