Fana: At a Speed of Life!

Hogganaan olaanaa shororkeessaa Alshabaab haleellaa humna xiyyaaraan ajjeefame

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC)- Loltoonnii Soomaliyaa fi Ameerikaa haleellaa humna xiyyaaraa garee shororkeessaa Alshabaab irratti raawwataaniin hogganaa olaanaa shororkeessaa ajjeefamu himame.

Haleellaa humna xiyyaaraa kan qaqqabsiisan loltoonnii Soomaliyaa fi Ameerikaa bala dho’insa boombii Moqqaadishootti mudateen yoo xiqqatee lubbuun namoota 79 yoo darbuu namoonni 149 mada’uun wal qabateeti jedhame.

Haleellaa humna xiyyaaraa qaqqaabeen hogganaan olaanaa shororkeessaa ajjeefamuullee lubbuu lammiilee nagaa irra miidhaan hin qaqqabnee jedhameera.

Nageenyi Soomaaliyaa haga tasgabbaa’utti motummaan Soomaaliyaa fi Ameerikaa wal waraansa garee shororkeessaa Alshabaab waliin taasisaan akka itti fufaan himameera.

Maddi: Zhiiniwaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.