Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi godina Walaayittaa rakkoo nageenyatiin shakkaman to’atamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Hoggansi godina Walaayittaa rakkoo nageenyatiin shakkaman to’atamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Kibbaa beeksise.
 
Biirichi akka beeksisetti hoggansi shakkamanii to’ataman gaaffin ummataa karaa nagayaatin akka hin deebine socho’aa turaniiru.
 
Dabalataan ummataa fi mootummaa jidduu walshakkiin akka uumamu hojjechaa turuu isaanii beeksiseera.
 
Qaamolee jijjiirrama hin deeggarre waliinis hariiroo qabu jedheera biirichi.
 
Hogganaan biirichaa obbo Alamaayyahu Baawdiin Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, hoggansi godinichaa kaleessaa kaasee to’atamaa jiru.
 
Hanga ammaattis namoonni 10 to’atamuu eeraniiru.
 
Rakkoo jeequmsaa uumameen hanga ammaatti lubbuun nama tokkoo darbeeras jedhan.
 
Nagaa fi tasgabbiin uumamee hojii idileetti akka deebi’amu hojjetamaa jiraachuus obbo Alamaayyahu ibsaniiru.
 
Gaaffin naannoo ta’uu kallattii mootummaan kaa’en karaa seera qabeessa ta’een kan deebi’u ta’as jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.