Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Biiroo Nageenyaa Naannoo Somaalee hoggantoota Rippabiliki Somaaliyaa bulchiinsa Hiir Shebeelee godina Hiraan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Hoggantoonni Biiroo Nageenyaa Naannoo Somaalee hoggantoota Rippabiliki Somaaliyaa bulchiinsa Hiir Shebeelee godina Hiraan waliin dhimmoota nageenyaarratti aanaa Feraariitti mari’ataniiru.

Waltajjicharratti hogganaan biiroo nageenyaa naannoo Somaalee obbo Mubaashaar Dubaad, ajaja olaanaa humna adda naannoo Somalee Komishinaar Jeneraal Mahaammad Ahimad, Komishinarri Komishinii Poolisii naannoo Somalee Mahaammad Alii Hasaan akkasumas hoggantoonni rippaabilikaa federaalawaa Somaaliyaa bulchiinsa Hiir Shebeelee fi aanga’oonni biroon Somaaliyaa akkasumas  dhaabbilee nageenya biroon argamaniiru.

Biyyoonni lameen dhimma nageenyaarratti daangaarran Alshabaabii fi humnoonni farrreen nageenyaa gara daangaa lamaanii lo’aanii akka hin seennee, walitti bu’iinsa waloon ittisuufi lammiilee hongeen miidhaman deeggaruuf waloon hojjechuu waliigalteera ga’uusaanii ragaan Biiroo Nageenyaa naannoo Somaleerra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.