Fana: At a Speed of Life!

Sirna diimokiraasii dhugaa ta’e lafa qabsiisuuf rakkoolee nageenyaa hundeerraa hiikuun murteessaadha – Obbo Abdulhakiim Muluu

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Misooma, badhaadhinaafi sirna diimokiraasii dhugaa ta’e lafa qabsiisuuf rakkoolee nageenyaa hundeerraa hiikuun murteessaa ta’u Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhakiim Muluun ibsan.
Godina Arsiitti mariin nageenyaafi misoomaa irratti xiyyeeffate kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaatti misooma, badhaadhinaafi sirni dimokiraasii dhugaa ta’e lafa qabsiisuuf rakkoolee nageenyaa hundeerraa hiikuun murteessaa ta’uu Obbo Abdulhakiim himaniiru.
Hawaasni Godinichaas yaaddoo nageenyaa tokko malee hojii hawaas-dinagdee isaa gaggeeffachuuf karaa qindoomina qabuun gurmaa’ee nageenya isaa eegachuu akka qabu dubbachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
Bulchaan Godina Arsii Obbo Ibraahim Kadir gama isaanitiin qabsoo hadhaawaa gaggeeffameen injifannoo abbaa biyyummaa Oromoon gonfate duubatti deebisuuf saamichaafi dararaa farreen  nageenyaa qolachuuf hawaasni karaa qindoomina qabuun hojjechuu qaba jedhan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.