Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Ministeera Barnoota sochii  “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuuf mallattoosaanii kaa’an

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC)- Hoggantoonni Ministeera Barnoota sochii  “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuuf mallattoosaanii kaa’aniiru.

Ministirri Miniseera Barnoota Dooktar Injinaar Geetahuun Makuriyaa sochiin mallatoo kana barattootaa miiliyoona 3 sababa garee shororkeessaa ABUT’n barnootaan alaa ta’aa bakka bu’a jedhaniiru.

Gareen shororkaa kun manneen barnootaa kuma 10 ol irratti miidhaa qaqqabsiisuun barattootaa miiliyoona 3 ol barnootaan alaaa akka ta’aan taasiseera jedhan.

Haleellaa gareen kun qaqqabsiiseen naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.5, Tigraayiitti, miiliyoonni 1.4 fi Affaarittii ammoo kumni 200 ol barnootaan alaa akka ta’aan taasisuu Dooktar Injiinar Geetahuun himaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT hanga ammaatti manneen barnoota naannolee Tigraayitti kuma 6, Amaaraatti, kuma 3, Affaariitti 500 faayidaan ala taasisuusa ragaan Ministeera Barnootaarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.