Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon naannoo Beenishaanguul Gumuuz haala waqtaawaa biyyaa fi naannoorratti mari’ata jiru

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Hoggantoonni olaanoon mootummaa naannoo Beenishaanguul Gumuuz haala waqtaawaa biyyaa fi naannoorratti marii gaggeessuu eegalaniiru.

Maricharratti preezdaantiin naanniicha obbo Ashaadilii Hasaan, hogganaan waajjira paartii badhaadhinaa obbo Isaaq Abdulqaaadiir dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa akkasumas hoggantoonni godinaa fi magaalaa argamaniiru.

Mariichaanis duula birmaddummaa biyyaa bifaa qindaa’aan gaggeeffamee boqonnaan jalqaba injifannoon xumuramuu hordofe injifannichaa waaraan ceesisuuf badhaadhina biyyatti mirkaneessuufi itti fufsiisuuf ejjennoo waloo akka qabaatan himaniiru.

Waltajjichi mata duree ‘injifannoo waaraa gara badhaadhinaa, waraanaa booda gufuuwwanii fi tarkaanfii’ jedhuun sanadni dhiyaatee mariin kan irratti gaggeeffamuu ta’uu ragaan kominikeeshinii naanniichaarra argame ni muul’dhisa.

Waltajjin marii kun har’arra eegalee guyyoota sadiif kan gaggeeffamuu ni ta’a.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.