Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota paartiilee morkattootaa waliin marii bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Hoggantoota paartiilee morkattootaa waliin marii bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
 
Dooktar Abiy dhimmoota biyyaalessaarratti paartiilee siyyaasaa waliin itti fufiinsaan marii kan taasisan ta’uu fuula feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Hoggantoonni paartiilee siyyaasaa dhimmoota biyyaalessa walfakkaatanirratti waliin mari’achuuf walii galaniiru jedhan.
 
Ityoophiyaatti imalli daandii badhaadhinaa eegalame akka itti fufuuf hirmaanna nagaa, yaadoota ifaan mariif dhiyeessuu fi hoggantoonni paartiilee siyyaasaa walkabajuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.
 
Qaamoolee adeemsa jijjiirramaa gufachiisan qulqulleessuu cimsinee itti fufna jedhan.
 
Olaantummaan seeraa kabachiisuun qaamoolee mootummaa, hoggantoota paartii biyya bulchuus ta’ee miseensota paartii siyyaasaarratti murannoon hojiirra oola jedhan.
 
Ityoophiyaatti qaamni seera camsu kamiiyyuu itti gaafatamummaa seeraa jala hin ba’u jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.