Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota weerara lafaa seeraan alaa keessatti hirmaatan seeraatti dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC) – Hoggantoota weerara lafaa seeraan alaa keessatti hirmaatan seeraatti dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.
Bulchiinsi magaalichaa argannoo qorannoo fi ragaa walitti qindeessuun Abbaa Alangaa Waliigalaaf xaalayaa erguu beeksiseera.
Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay bulchiinsi magaalichaa qorannoo weerara lafa seeraan alaa tibbana ifoomse ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.
Qorannichi kutaalee magaalaa hundatti gaggeeffamuu himaniiru.
Koree qorannicha gaggeessan waliin guyyoota 15 gidduutti gamaaggamni taasiifamaa turuu ibsaniiru.
Bara 1997 eegalee Manneen jireenyaa waliinii kumni 21 ol seeraan ala qabamuu, manneen abbaa hin qabne 322 argamuu, lafti heektaarri kumni 1 fi 338 seeraan ala qabamuu qorannichaan mirkanaa’uu eeraniiru.
Qaamolee hojii seeraan alaa kana keessatti hirmaatanirratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi siyaasaa fudhatamuu dubbataniiru.
Qaamolee kanneen seeraatti dhiyeessuuf bulchiinsi magaalicha ragaalee argame xaalayaa waliin Abbaa Alangaa Waliigalaaf erguu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.