Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee ijaarsa dandeettii fi siyaasaa milkaa’aa itti fufsiisuuf naannoleen hojiilee siyaasaa cimsuu qabu jedhame

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC)- Hojiilee ijaarsa dandeettii fi siyaasaa milkaa’aa itti fufsiisuuf naannoleen hojiilee siyaasaa gidduu isaanii cimsuu qabu jedhan Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Dandeettii fi Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Sammaa Xurunaan.

Karoorri raawwii baatii sagalii damee ijaarsa dandeettii fi siyaasaa Magaalaa Asoosaatti gamaaggamameera.

Waltajjicharratti, itti gaafatamtooni damichaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaataniiru.

Waltajjicharratti Dooktar Sammaa Xurunaan baatiiwwan saglan darban akkataa karoorfameen raawwii damichaa gamaaggamuuf kan kaayyeffatee fi dandeettii milkaa’inaa hojiilee fuulduree, akkasumaas hojmaataa hordoffii fi deeggarsaa uumuuf ta’uu himaniiru.

Hojiilee siyaasaa milkaa’oo itti fufsisuuf naannoleen hariiroo siyaasaa gidduutti isaanii cimuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gamaaggamichaan giddugalli hirmaachisummaa damichaa bara 2017 kan adda baafamu ta’uu dubbachuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.