Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee riifoormii hojjetameen dandeettii keenyaa sadarkaa olaanaan guddifneera – Fiild Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) –Hojiilee riifoormii hojjetameen dandeettii keenyaa sadarkaa olaanaan guddifneera jedhan Itaamaajooriin Humna Waraanaa Waliigalaa Fiild Birhaanuu Juulaan.

Guyyaan hundeeffama Humna qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaan mata duree ‘Aarsaan biyya kan ijaare” Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa’ jedhuun kabajameera.

Humna waraanaa qabnu hunda karaa itti fufiinsa qabuun ammayyeessuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Waggoottaan shanan darban keessa humna keenya hunda gama gurmaa’insaa, xiinsammuu fi hidhannoo waraanaan haaromsuun dandeettii keenya sadarkaa olaanaatti guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa guddaan galmaa’eera jedhan.

Humna Qilleensaa damee hundaan sadarkaa olaanaatti ceesisuun wabii biyyaa amansiisaa taasiisuun danda’amuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.